fakkii nama mukaaf boolla qotuu agarsiisu

akka argamuuf: Biraazil, Guatemala, Indoneezhiyaa, Itoophiyaa, Taanzaaniyaa, Uganda

Fayyadamuu ni danda'a:
Arabica, Robusta

107⸱AYaada

  • Callummaa bunaa ni dabala
  • Muka bunaa ni haaromsa
  • Dandeettii yeroo gogiinsaa dandamachuu muka buna ani fooyyeesa
  • Haala ilbiisotaa fi dhukkuboota buna miidhaniif mijataa hin taane ni uuma

Fooyya’insa lafa bunaa, yookaan irra deebii dhaabuu jechuun muka bunaa dulloomaa fi oomisha hin kennine (yeroo baay’ee kan umuriin isaanii waggaa 20 caalu) buqqisanii, bakka isaaniitti biqiltuu haaraa dhaabuudha.

Biqqaan bunaa waggaa lammaffaa hanga sadaffaatti erga dhaabbatee booda midhaan oomishuu jalqaba; oomishni isaa immoo waggoota jaha hanga saddeetiitti ga’ee guddaa isaa irra ga’a. Sana booda oomishni gadi bu’uuf jalqaba, garuu sadarkaa gadi aanaa irra waggaa 25 hanga 30tti, akkasumas bakka naannoo irra jiruun waggaa 40 hanga 50tti itti fufa. Kanaafuu, muka bunaa haaromsuu (gamashuu) yookaan biqiltuu bunaa haaraa bakka buusanii dhaabuun barbaachisaa dha.

Ogessoonni qonna bunaa akka akeekanitti, qonnaan bultoonni bunaa muka bunaa isaanii yeroo jireenya oomishaa erga fixee booda, yookaan yoo sababa ilbiisotaa fi dhukkubootaatiin callaan garmalee hir’ate, bakka buusuu qabu. Kunis waggaa waggaan gartokkee lafa bunaa haaromsuu ykn biqiltuu haaraa dhaabuun ta’a. Akkas gochuun, hojichi namaaf salphata, rakkoo humna hojjataa guyyaa muudachuu danda’us hir’isa; akkasumas mukni oomisha kennu fi mukni haaraan yeroo hunda madaalawaa ta’anii argamu.

Umrii muka bunaa qofaan osoo hin taane, balaa ilbiisotaa fi dhukkuboonni hamaanis yeroo baay’ee muka bunaa haaromsuu ykn bakka buusuu dirqisiisu. Akkasumas, jijjiiramni qilleensaas Sababa biraa yoo ta’u, kanaaf immoo gosa bunaa gogiinsa fi dhukkuba dandamatu, ykn jijjiirama haala qilleensaa keessattis callaa gaarii kennu kan danda’an dhaabuun barbaachisaa ta’a.

107⸱BYaadatamuuf

Gartokkee maasii/lafa bunaa haaromsuun ykn bakka buusuun baasii jalqabaa bahuu fi callaa waliigalaa argamu xiqqeessa. Garuu waggaa 2-5 keessatti mukni haarofame/haaraan callaa kennuu jalqabuun oomishni duraan ture ol ka’aa akka deemu godha; kun immoo galii fooyya’aa argamsiisa. Akkasumas, haaromsuun oomishtummaa bunaa yeroo dheeraaf turuu fi walitti fufiinsa qabuu akka jiraatu mirkaneessa.

Maasii ykn lafa bunaa haaromsuun carraa sirna lafaa haaraa uuma/kenna. Tarsiimoowwan akka wal keessa facaasuu, mukoota waliin dhaabbatan, ykn kunuunsa biyyoo akka kan akka afaa afuu ykn midhaan amala biyyoo uwwisanii qabu qaban waliin galchuun ni danda’ama. Akkasumas, carraa gosa bunaa haaraa fi fooyya’aa itti galchuu ni kenna.

Akka kanaan, akkasumas, amala fooyya’aa qabu kanneen haaraa bunaa itti dabaluuf carraa ni kenna.

Callaa fi oomishtummaa muka bunaa ol kaasuuf, tarsiimoowwan haaromsaa akka buna gamashuu fi kittaanuu yeroo yerootti raawwachuun ni gorfama. Tool ‘Buna Deebisanii Haaromsuu’ fi tarsiimoowwan qonna gaarii biroo waliin ilaali.

Yeroo raawwii

Maasiin buna yeroo tokko kan haarofamu yoo ta’u innis yeroo oomishni calla muka bunaa irraa argamu gadi bu’u kan raawwatamuudha. Kunis haala naannoo irratti hundaa’uun umriin muka bunaa wagga 20-25 hanga 40-50 giddutti ta’a.

Dabarsaan biqiltuu irra deebiin dhaabuu jalqabaa roobni yeroo jalqabuutti eegalee hanga giddugala yeroo roobaatti xumuramuu qaba.

Yeroo boqonnaa gabaabaa, fakkeenyaaf ji’a 2–3, dura lafa irra deebiin dhaabuu eeyyamuun, lafti akka of danda’ee deebi’u fi balaa ilbiisotaa fi dhukkubaa hir’isuuf gargaara.

Dhaabbii bunaa keessatti, dhibbeentaan 80 oomisha kan kennan jiran yoo ta'an; dhibbeentaan 20 immoo haaromsaa fi deebisanii kunuunsuu keessa kan jiran ta'uu qabu.

107⸱CHojiirra Oolmaa

Meeshalee

107⸱1Prosedura

107⸱2

107⸱3

107⸱4

Gorsa

Yeroo boqonnaa gabaabaa, fakkeenyaaf ji’a 2–3, dura lafa irra deebiin dhaabuu eeyyamuun, lafti of danda’ee akka deebi’u gargaara; akkasumas balaa ilbiisotaa fi dhukkubaa ni xiqqeessa.

107⸱5

107⸱6

107⸱7

107⸱8

107⸱9

Gorsa

Maasii ykn lafa bunaa haaromsuun carraa gaggaarii kan akka wal keessa facaasuuf, mukoota waliin dhaabbatan guddisuuf, midhaan amala biyyoo uwwisanii eeguu qaban oomishuuf fi afaa afuuf ni fayyadu. Yeroo kanatti, kunnunsa biyyee muka bunaa tokkoo fi isa biroo gidduu jiru eeguuni fi kunuunsuun barbaachisaadha. Akkasumas ifti aduu gahaan waan lafa qaqqabuuf gosa midhaanii biroos jidduu muka bunaatti oomishuun ni danda’ama.

107⸱DDinagdee bu’aa

Callaa bunaa ni dabala

Fayyadamni meeshaa kanaa callaa buna dabaluun galii dabalataa fida.

Buna sadarkaa gaarii qabu

Fayyadamni meeshaa kanaa gahumsa bunaatiif gumaacha guddaa qabaata, kanaafuu galii ol'aanaa fiduu danda'a.

Mancaatii calla bunaa ni hir’isa

Meeshaan kun miidhaa midhaan buna irra gahuu fi hanqina qulqullinaa ittisuun, mancaatii/kasaaraa irraa ni eega.

Baasii humna namaaf bahu ni hir’isa

Meeshaan/tool’n kun jalqaba irratti hojii dabalataa fi baasii meeshalee kanaaf barbaachisan namattii dabaluu mala. Haata’umalee, dhumarratti hamma humna namaa barbaachisu hir’isuun baasii humna namaaf bahu hir’isa/hambisa.

Baasii xaa’oof bahu ni hambisa

Meeshaan/tool’n kun fayyadama qoricha keemikaalawaa hir’isuudhaan, baasii galtee qorichaaf bahu hir’issa ykn hambisa deema.

Baasii qorichaaf bahu ni hir’isa

Meeshaan/tool’n kun yeroo dheera keessa fayyadama qoricha keemikaalawaa hir’isuudhaan, baasii qorichaaf bahu ni xiqqeessa.

107⸱EFaayidaalee Magariisa

Xaa'oo sintetikii gadi aanaa barbaachisa

Meeshaan kunis akkaataa ittiin barbaachisummaan feertilayizaroota sintetikii hir'atu ni gargaara. Kunis qilleensa keessatti gadi lakkisuu fi bishaan faaluu hir'isa, jireenya lafaa fooyyessa, akkasumas qabeenya ni qusata.

Hanga qoricha (peestiisaayidii) barbaachisuu ni xiqqeessaa

Meeshaan kun fayyadama qoricha keemikaalawaa ni hir’isa. Kun ammoo faalama bishaanii ni xiqqeessa, qilleensa naannoo faalama irraa ni eega, fayyummaa biyyee ni fooyyessa, akkasumas qabeenya uumamaa ni kunuunsa/eega.

Mancaatii bosonaa hir'isuu

Meeshaan kun buna misoomsuuf lafa haaraa qulqulleessuun akka hin barbaachisne taasisa; kunis bosonootaa fi sirna naannoo isaanii kunuunsuuf gargaara.

107⸱GYaada