bottileen falfalaasaa bishaanii summaa'aa bineensota irraa ittisuu mukarratti facaasaa jira .

#109Farra ilbiisaa Baaylojikaalawaa (Baayo Inseektiisaayid): Cuunfaa Baala Teefrosiya

akka argamuuf: Guatemala, Honduras, Indoneezhiyaa, Itoophiyaa, Taanzaaniyaa

Fayyadamuu ni danda'a:
Arabica, Robusta

109⸱AYaada

  • Ilbiisota midhaan/buna irratti miidhaa geessisan ni hir’isa
  • Goguu ykn du’uu bunaa ni hir’isa
  • Callaa fi calloomina bunaa ni dabala
  • Qulqqullina bunaa ni fooyyeessa/dabala

Cuunfaan baala teefrosiya (Tephrosia vogelii L.) akka farra ilbiisaa uumamaaatti (Inseektiisaayidi) fayyadu danda’a; ilbisoota buna miidhan kanneen armaan gadii to’achuu irratti bu’'a qabeessummaa olaanaa qaba.

  • Mealybugs (Pseudococcidae)
  • Mites
  • Aphids

Wolumaagalatti, cuunfaan biqiltoota naannoo tokko tokkoo irraa argamu, kanneen 'farra ilbiisaa baayooloojikaalaa' yookiin uumamaa jedhaman, ilbiisota ijoo buna miidhan too’achuuf ni tajaajilu. Innis baay’ina ilbiisotaa hir’isuun buna qulqulluu, fayya qabeessaa fi callaa fooyya’aa fiduuf gargaara.

Fayyadamni farra ilbiisaa baayooloojikaalawaa (baaylojikaal insektiisaayid) kanneen keemikaalaa caalaa faayidaalee hedduu qaba. Isaan keessaa tokko, ilbiisota xiyyeeffannoo ta'an qofa miidhaa/balleessa, dafanii tortoruun gara biyyootti geeddaramu, gatii xiqqaan argamuu fi salphatti argamuu danda’uudha. Kanaafuu, fayyadamni farra ilbiisaa uumamaa kun, waliin ta’uun tarsiimoo to’annoo walitti makamee (integrated management), qonna bunaatti fuulduratti daandii itti fufiinsa qabu uuma. Kunis naannoo eeguu fi fayyaa qonnaan bultoota fi fayyadamtoota bunaa deeggaruu keessatti shoora olaanaa qaba.

109⸱BYaadatamuuf

Farra ilbiisaa uumamaa (baayoo inseektiisaayidii) ilbiisota balaa geessisan irratti qofa osoo hin taane, yoo baay’inaan itti fayyadamame, biqiltuu bunaas miidhuu danda’u. Miidhaan faayitootooksik (summii biqiloota) jedhamu kun guddina hanqisuun, gabaabsuun, qal’achuu, fi halluu gogaa biqiltuu jijjiiruu ni dabalata. Kanaaf, baay’ina hamma qoratamee murtaa’ee fi gorsa ogeessaa qofaan itti fayyadamuun murteessaa dha.

Bu’aa guutuu fi fooyya’aa argamsiisuuf, farra ilbiisaa uumamaa/baaylojikaalawaa tarsiimoo to’annoo ilbiisaa walitti makamee keessatti, karaa mala too’annoo biroo kan akka diina uumamaa (natural enemies) fi maloota aadaa qonnaa waliin fayyadamuun barbaachisaa dha. Kun too’annoo ilbiisotaa isa sirrii fi bu’aa qabeessa ta’e mirkaneessa

Dabalataan, too’annoon sirnaan akka taasifamu fi murteewwan beekumsa irratti hunda’an akka fudhataman gochuuf, hordoffii fi yeroo yerootti madaalli baay’ina ilbiisotaa lafa qonnaa irratti taasifamu murteessaa dha.

Yeroo fayyadamaa

Cuunfaa baala Teefrosiyaa yeroo ilbiisotni balaa geessisan mul’achuu jalqabanitti itti fayyadamuu akka qabnutu gorfama. Erga jalqabamee booda immoo biifaan (spreeyiin) torban lama lamaan, ykn guyyaa 14n, irra deebi’amee raawwatamuu/afuufamuu/biifamuu qaba.

109⸱CHojiirra Oolmaa

Meeshalee

Meeshaa 1

109⸱1Qophii

109⸱2Prosedura

Yaadadhu

Baala muka niimii/shifarraa ifaa aduu keessa hin kaa’in; Gaaddisa jala kaa’i, kunis qorichi (aktive meetaabolaayitiin) keessaa jiru akka hin miidhamnee fi hin badneef gargaara.

109⸱3

109⸱4

Yaadadhu

Cuunfaan baala teefrosiyaa keessaa bahu cimaa ykn cunqoo/summaawaa waan taheef gara keessatti fudhachuun dhoorkaadha. Jireenya lubbu qabeeyyii bishaan keessaas ni miidha, kanaafuu yeroo meeshaalee/qodaa ittiin fayyadamne miicnuu fi haftee isaa gatnu akka qama bishaanawaatti hin dabalamne of eggaannoo gochuun barbaachisaadha.

109⸱5Akkaataa itti fayyadamaa

Qajeelfama/tartiiba ittiin qophaayu armaan olii sirrtitti hordofnaan; cuunfaa/extract teefrosiyaa qabiyyee sirrii akka farra ilbiisa baaylojikaalawaatti (baayoo insektiisaayidii) fayyadamuu dandeettuu argatta.

Yaadadhu

Qoricha kana yoo baay’inaan ykn hamma adda ta’een itti fayyadamte, muka ykn biqiltuu buna miidhuu danda’a. Kanaaf, hanga qorannoon mirkanaa’een ittiin fayyadamuun murteessaa dha.

Gorsa

Yaada gargaarsa፡ Qorichi kun ho’a cimaa fi ifa aduu cimaa (UV) jala yeroo ta’e akka danddeettii isa hin hir’isneef, sa’aatii guyyaa yeroo ho’aa hin taane gara ganama ykn galgala keessa afuufuun/biifuun ni gorfama.

Qabeenya

  • Farra ilbiisaa baaylojikaalawaa (baayoo inseektiisaayidii) qophaaye bakka ifti aduun hin qaqqabnee fi bakka qabbanayaa ta’e kaayaa.
  • Humni ykn dandeettiin isaa akka hin hir’anneef, meeshaa cufamaa ta’e keessatti saamsaa olkaaya.

109⸱DDinagdee bu’aa

Baasii/gatii farra qoricha (peestiisaayidiif) bahu ni hir’isa

Qorichi kun fayyadama qoricha keemikaalawaa hir’isuudhaan, baasii galtee qorichaaf bahu hir’isa.

Baasii/gatii haaromsaaf bahu ni hir’isa

Meeshaan kun jireenya muka bunaatiif dheerina umrii fi dandeettii salphatti qabachuu ni dabala. Kanaaf, yeroo baay’ee akka irra deddeebinee hin dhaabnee fi, baasiin oomisha yeroo dheeraa keessatti bahu hir’suuf gargaara.

Callaa bunaa ni dabala

Fayyadamni meeshaa kanaa callaa buna dabaluun galii dabalataa fida.

Mancaatii calla bunaa ni hir’isa

Meeshaan kun miidhaa midhaan buna irra gahuu fi hanqina qulqullinaa ittisuun, mancaatii/kasaaraa irraa ni eega.

109⸱EFaayidaalee Magariisa

Hanga qoricha (peestiisaayidii) barbaachisuu ni xiqqeessaa

Meeshaan kun fayyadama qoricha keemikaalawaa ni hir’isa. Kun ammoo faalama bishaanii ni xiqqeessa, qilleensa naannoo faalama irraa ni eega, fayyummaa biyyee ni fooyyessa, akkasumas qabeenya uumamaa ni kunuunsa/eega.

Fayyummaa biyyee fooyyessu

Meeshaan kun fayyummaa fi qabiyyee biyyoo (maayikiroobs, rammoo qumbursaa/earthworm kkf) ni foyyeessa. Kun ammoo nyaata/albuudota biqiltuu keessatti shoora guddaa qaba, akkasumas qilleensa naannoo qulqqulluu ta’e ijaaruuf ni gargaara.

109⸱GYaada